Technology plays an increasingly significant role in improving access to education for people living in impoverished areas and developing countries. |
Teeknoloojiin ummattoota naannoowwan hiyyeeyyii fii biyyoota guddachaa jiran keessa jiraataniif gahiinsa barnootaa fooyyessuu keessatti shoora baay'ee olaanaa taphata. |
Charities like One Laptop per Child are dedicated to providing infrastructures through which the disadvantaged may access educational materials. |
Chaaritiiwwan kanneen akka Waan Laaptoop Par Chaayild warreen miidhaamaa turan meeshaalee barnootaa argachuu akka qabaniif misoomota dhiyeessuu irratti hojjetu. |
The OLPC foundation, a group out of MIT Media Lab and supported by several major corporations, has a stated mission to develop a $100 laptop for delivering educational software. |
Faawondeeshinii OLPC, garee MIT Miidiyaa Laab keessaa isa tokko kan ta'e akkasumas gamtaawwan gurguddoo baay'eedhaan kan deeggaramu, sooftiweerii barnootaa dhiyeessuudhaaf laaptooppii $100 tolchuudhaaf ergama isaa ibsee jira. |
The laptops were widely available as of 2008. |
Laaptoopponnii bara 2008 irraa eegalee bal'inaan ni argamu ture. |
They are sold at cost or given away based on donations. |
Gatiidhaan gurguramanii yookin gargaarsa irratti hundaa'uudhaan kennamani. |
In Africa, the New Partnership for Africa's Development (NEPAD) has launched an "e-school program" to provide all 600,000 primary and high schools with computer equipment, learning materials and internet access within 10 years. |
Afriikaa keessatti, Niiw Paartineershiip foor Afriikaa Deevelooppiment (NEPAD) " manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi sadarkaa lammaffaa 600,000 ta'an hundaaf waggoota 10 keessatti meeshaalee koompitaraa, meeshaalee barnootaa fi tajaajila intarneetii dhiyeessuudhaaf "sagantaa e-school" jedhamu Jalqabee jira. |
An International Development Agency project called nabuur.com, started with the support of former American President Bill Clinton, uses the Internet to allow co-operation by individuals on issues of social development. |
Piroojeektiin Eejansii Dagaagina Idil-Adunyaa nabuur.com jedhamu, gargaarsa Pireezidaantii Ameerikaa duraanii Biil Kiliintaniin eegale, gamtoomaa namootaa dhuunfaadhaanii eeyyamuudhaaf rakkoowwan dagaagina hawaasaa irratti Intarneetii fayyadamu. |
India is developing technologies that will bypass land-based telephone and Internet infrastructure to deliver distance learning directly to its students. |
Hindi barnoota fagoo kallattiidhaan barattoota isaatiif qaqqabsiisuudhaaf teeknoolojiiwwan bilbilaa lafaa irratti hundaa'anii fi misoomota Intarneetii irra darbuu danda'an ijaaraa jirti. |
In 2004, the Indian Space Research Organisation launched EDUSAT, a communications satellite providing access to educational materials that can reach more of the country's population at a greatly reduced cost. |
Bara 2004 itti, Dhaabbatni Qorannoo Hawaa HIndiii EDUSAT jalqabsiisee jira, saatalayitiiwwan qunnamtii kanneen meeshaalee barnootaa gatii rakasaatiin uummata biyyattii hunda geessisuu danda'aniif kan gahiinsa dhiyeessu. |